Egeree Oromiyaa- EOs Podcast

Oromo Intellectual Society (OIS) conference, Part #1

CHALA ABATE Season 192 Episode 1

Use Left/Right to seek, Home/End to jump to start or end. Hold shift to jump forward or backward.

0:00 | 2:51:10


Gurmuun Hayyoota Oromoo (GHO/OIS),
Mata-duree “Burjaajii fi Daddaaqamuu Hawwaasa Oromoo: Sirna Badii Impaayeraa if Gahee Qaroo (Elite) Oromoo” jedhu jalatti Seminaara marii qopheessee jira. 

Sirni koloneeffataa, uummata gabroomfatee hacuuccaa isaa jalatti tiksuuf, tooftaa fi tarsiimoo dhaabbatoo garagaraatti dhimma baha:  1) Shororkessuu, saamuu fi hiyyoomsuu; 2) qoqqoodee bulchuu; 3) afaan, aadaa, seenaa, waliigala eenyummaa sabichaa dhabamsiisuu fi burjaajessuu; 4) qaroo sabichaa dhabamsiisuu, sirna ofii fudhachiisuu ykn malaanmaltummaadhaan takaalee akka saba isaaniif hin dhaabanne godha. Kunneen imaammatoota koloneeffataan ittiin beekamu, kan sirni Itoophiyaa baldhinaan saba Oromoo irratti geggeessaa ture fi jiru dha. 

Seminaarri GHO kun tooftaa sirni PP hardha Oromoo ittiin gidirsu keessaa waan lama irratti xiyyeeffata:  
A)    Olola Maqaa Nagaa fi Araaraa Qabatee Deemu
B)    Daddaaqamuu Hawwaasa Oromoo Biyyaa Alaa (fi Keessaa)
Kunneen jalatti, olola PP’n maqaa “Nagaa” fi “Araara” jedhuun uummata burjaajessuuf yaaltu ifoomsuu; akkasumas murni kun, qabeenya (resource) qabdu fi kan itti liqeeffattu mara dhangalaastee, golee qabsoo fi hawaasaa keessatti burjaajii fi jeequmsa uumuu yaaltu irratti uummata dammaqsuu irratti xiyyeeffata.

Send us Fan Mail

Support the show

Podcasts we love

Check out these other fine podcasts recommended by us, not an algorithm.