
Egeree Oromiyaa- EOs Podcast
Egeree Oromiyaa - EOs Podcast is a platform where we explore culture, identity, politics, literature, and the shared experiences of yesterday and today. We delve into the challenges faced by first-generation refugees, particularly Oromo youth in Sweden and other Western nations. Many untold stories emerge, offering support to both those who share and those who listen.
Our podcast amplifies the voices of those who have experienced the trauma of leaving home and coming to Europe in various ways. We invite role models, professionals, and experienced individuals to share their journeys from their homelands to their current lives in third countries. Through their stories, we aim to inspire and provide insight into adapting to life in a new country, offering hope to those newly arrived.
In addition to personal stories, we produce documentaries on historical events and current affairs in Ethiopia, with a special focus on Oromia. Our platform is a free space where individual opinions are welcomed while maintaining neutrality and respectful discussions. Freedom of expression is valued, but disrespectful language is never allowed. These values guide our conversations.
https://miidiyaadhaddachaoromoo.comhttps://dhalootafincilaa.wordpress.comhttps://caalaahayiluuabaataaakachalahailuabate.wordpress.com/
Egeree Oromiyaa- EOs Podcast
Ji’oomeetirii Oromummaa fi haala Oromoo yeroo ammaa irratti Dr. Moosisaa Aagaa Hayyuu Herreegaa waliin tutti goone.
Ji'oometirii Oromummaa
CBB: 04-04-2025- Dr Mosisa Aagaa, hayyuu Herreegaa fi qabsaawaa Oromoo waliin CBB irratti marii goona.
nuwaliin turaa
https://www.youtube.com/live/tIQU4jGL08Y?si=S_rFGJVDRjXKSpiz
"Ji’oomeetrii Oromummaa"
~~~~~
Waraqaa mata-dureen "Ji'oomeetrii Oromummaa" jettu kana nama hedduu tu na gaafata. Eeyyee, Waxabajjii, bara 1994 ture kanan barreesse. Waggaa 29 har’aa ta’uusaa ti. Jalqaba barruulee eebbaa (graduation bulletin) kan Dhaabbata Leenjii Barsiisotaa Adaamaa (Adama TTI) irratti maxxante. Itti aansee barruulee eebbaa barattoota Oromoo Yuuniversiitii Finfinnee, boodarras barruulee yeroo sana Afaan Oromoon qophooftu "Madda Walaabuu" jedhamtu irratti maxxante. Fuula 4 duwwaa qabdi. Garuu, barruun sun kan namoonni na beekanis, na hin beeknes ittiin na yaadatan taate.
Mee yoo yeroo qabaattaniif dubbisaa, waan yeroo sana ani akeekee barreesse har'allee dhugaa dhaa laata? Kan suuraan maxxane yoo dubbifamu dideef, text-version kunoo asitti maxxanseera.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Ji'oomeetrii Oromummaa
——-
Xiinxala Herregaa Barsiisaa Moosisaa Galataa Aagaatiin
Waxabajjii, bara 1994 – Instituutii Leenjii Barsiisota Adaamaatti barreeffame.
———-
1. Seensa
~~~~~
Barruu kana keessatti maalummaa Oromoo ilaalchisee hiikoon (definitions) adda-addaa kennamaniiru. Jechootni haaraan, pooschuleetotnii (postulates) fi tiyeeramootni (theorems) kennaman hundi kanneen barreessaa barruu kanaatiin moggaafamani dha.
Akka amantee bareessaa kanaatti, namni tokko "ani Oromoo dha" ofiin jechuun duratti, ulaagaalee barruu kana keessatti kennaman kan guutu ta'uu isaa mirkaneeffachuu qaba. Oromoo guutuu ta'uudhaafis ulaagaalee kennaman keessaa kan jalaa hir'atan yoo jiraatan dafee of sirreessuuf isa gargaara. Kana malees fira isaa fi diina isaa akka adda baafatuuf gorsa gaarii ta'a.
Barreeffamni kun ilmaan Oromoo of dagatanii jiran of barsiisee tokkummaa Oromoo Oromummaa irratti hundaa’e akka jabeessu hawwii barreessaa kanaa ti.
2. Pooschuleetota Oromummaa
~~~~~
Bara durii nama Oromoo jedhamu tokko tu ture. Oromoonis ilmaan lama dhalchee qaba ture. Inni angafaa Boorana, inni quxisuu Baareentummaa jedhamu. Booranaa fi Baareentummaanis ijoollee horan. Ijoolleen isaanis ijoollee horan. Akka kanaan wal horuun ittuma fufee bara dheeraa keessatti sabni Oromoo jedhammu gaanfa Afrikaatti argamuu danda’ee jira.
Hiikoo 2.1. Hidda tartiiba Oromoon itti wal hore ibsu hidda hortee Oromoo jenna.
Hiikoo 2.2. Dachee gaanfa Afrikaatti argamu keessaa dagni (territory) sabni Oromoo bara dheeraatiif dhuunfaa isaa godhatee, irratti wal horee jiraachaa turee fi jiru walitti qabaatti Oromiyaa jedhama. Oromiyaa jechuunis biyya Oromoo jechuu dha.
Hiikoo 2.3.
a) Namni Oromiyaa keessa jiraachaa jiru tokko karaa hadha isa ykn karaa abbaa isaa yammuu duubatti lakkaa'amu hidda hortee Oromoo keessa kan jiru yoo ta'e Oromoo Dhiigaa jedhama.
b) Namni jireenyi isaa Oromiyaa keessa hin ta 'iin tokko karaa haadha isaas karaa abba isaas yoo hidda hortee Oromoo keessa jiraate qofa Oromoo Dhiigaa jedhama.
c) Namni karaa haadha isaa ykn karaa abbaa isaa qofa hidda hortee Oromoo keessa jinu tokko Oromiya irraa ala jiraachaa turee yoo Oromiyaatti deebi'e, guyyaa Oromiyaa seenee qabee Oromoo Dhiigaa jedhama.
Hiikoo 2.4. Namni tokko yoo afaan Oromoo sirriitti dubbachuu danda'a ta'e Oromooo Afaanii jedhama.
Hubadhu:
a) Oromoon Afaanii hundi Oromoo Dhiigaa miti.
b) Oromoon Dhiigaa hundi Oromoo Afaanii miti.