VOICE FROM THE HORN Podcast
VOICE FROM THE HORN – VOFTHO Podcast
Stories, Politics, Culture & Voices from the Horn of Africa
VOICE FROM THE HORN (VOFTHO Podcast) is an independent storytelling and media platform exploring identity, exile, politics, literature, culture, and the lived experiences of displaced communities from the Horn of Africa.
Founded in 2020 by Chala Hailu Abate, the platform focuses especially on the voices of first-generation refugees, Oromo youth in the diaspora, and communities navigating migration, memory, and belonging.
Through conversations, documentaries, poetry, and personal narratives, VOFTHO creates space for stories often overlooked by mainstream media. The podcast features writers, artists, professionals, activists, and survivors whose journeys reflect resilience, identity, and social transformation.
The platform also produces documentary content examining historical and contemporary events in Ethiopia and the Horn of Africa, with particular attention to Oromia, human rights, political memory, and cultural preservation.
VOICE FROM THE HORN continues a broader independent media journey connected to earlier digital initiatives including:
- Dhaloota Fincilaa
- Abootee Times
- Miidiyaa Dhaddacha Oromo
- BB-Show
Despite censorship, platform removals, and political pressure, the mission remains unchanged:
to preserve memory, amplify silenced voices, and create dialogue across generations and borders.
VOICE FROM THE HORN Podcast
Qubee Afaan Oromoo - Birhaanuu Hundee tiin
Use Left/Right to seek, Home/End to jump to start or end. Hold shift to jump forward or backward.
Guddinni Qubee Afaan Oromoo (QAO )maalirra jira?
Guddinni Qubee Afaan Oromoo (QAO)maalirra jira?
Birhaanuu Hundee tiin
Waggoota shantama dura, yeroo ”Afaan Oromoo raadiyoonii cabsa ”jedhamee dubbatamu sana, Afaan keenya haala sana keessaa bahee sadarkaa har’aa kanarra ni gaha jedhee eenyutu yaade? Afaan Oromoo barreeffamuun isaa hafee akka hin dubbatamneeyyuu dhiibbaan irra
gahamaa akka ture seenaatu ragaa ta’a. Galatni qabsaa’ota Oromootiif addatti immoo ABOf haa ta’u, kunoo Afaan keenya Qubee ittiin barreeffatus argatee; har’a Afaanota biroo wajjin Addunyaa kanarratti mul’atee jira.
Seenaa saba Oromoo keessatti waan ta’e yoo yaadanne, Qubeen Afaan Oromoo (QAO)n akka Afaan barnootatti akka ittiin baratamuu fi barreeffamu beektotni fi hayyootni Oromoo bara 1991 murteessan. Waggaa tokko booda bara 1992 yeroo jalqabaaf Afaan Oromoo akka QAOtiin barsiifamu ‘seeraan’ murtaa’ee ilmaan Oromoo qubee afaan Oromoo tin barachuu eegalan.
Bu’aalee Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO)n argamsiise keessaa inni guddaan tokkoyyuu Qubee Afaan Oromoo ti jechuun ni danda’ama. Kanaafuu QAOn mallattoo bilisummaa waan ta’eef kunuunfachuu fi guddisuun dirqama Oromummaa ti. Haa ta’u malee, umriin QAO umrii dargaggeessaa ta’us, waggoota 32 keessatti Afaan kun akka guddachuu qabutti guddatee jiraa? Hanqinoota maalfaatu jiru?Dhugaa dha, Afaan keenya bar-kurnee sadeen kana keessatti guddachuu akka qabutti hin guddanne. Maaliif? Sababni rakkoo kanaa hedduu ta’uu malu; qorannoollee barbaachisa ta’a. Garuu waanuma ijoo ta’an tokko tokko akka hubannoo dhuunfaatti ibsuuf:-
Tokkoffaa, wiirtuun Afaan Oromoo waaltessuu fi beekumsa oomishu itti hanqata. Wiirtuu Afaan Oromoo waaltessuu fi beekumsa oomishuun hanqina qofa osoo hin taane akka hubannoo kiyyaatti waanuma jiru natti hin fakkaatu. Kun Afaan keenya guddisuuf hiri’na guddaa dha.
Hanga Oromoon Abbaa Biyyummaa isaa goonfatee, mootummaa uummata isaatiif yaadu hin ijaarrannetti, rakkoo kanaaf furmaatni hin jiraatu. Dhugaa dubbachuuf, Afaan Oromoo Abbaa dhabe jechuun ni danda’amaa bar! Namootni dhuunfaadhaan tattaaffii godhuun akkuma jirutti ta’ee, guddinaa fi ayinaa (quality)Afaan kanaatiif kan dhimmamu fi irratti hojjetu dhaabbatni tokko ammatti hin jiru. Kun hir’ina guddaa dha.
Lammaffaa, QAO guddisuu fi akka barbaachisutti sirnaan itti fayyadamuuf Oromoota hedduu biratti hir’inni ni mul’ata. Fakkeenyaaf, irra caalaa namootni keenya kuun Afaan Ingiliziitiin (English) kuun ammoo Afaan Amaaraatiin barreessuu filatu. Kun dhugumatti nama ajaa’iba; nama gaddisiisas. Namootni kun Afaan keenyaan barreessuuf rakkina qabu moo Afaan kanaaf tuffii qabu laata? Afaan alagaatiin barreessuun baranee hammayyee (modern ykn civilised way)
ta’uu dha moo maali sababni isaa?
Sadaffaa, QAO sirnaan barreessuu dadhabuu dha. Warrumti barreessuu yaalanillee, sirnaan hin barreessan. Kun dhugumatti rakkoo hubatamuu qabuu dha(a serious issue). Yoo akkamitti akka barreessan hin beekne, seera barreessuu QAO barachuun baay’ee salphaa dhaa bar!!
Alagaanuu barachuu danda’a. Murannoo, kutannoo fi tattaaffii qofaa gaafata. Kan alagaarrattuu ni cichama kan ofii maaliif dagatama? Dogoggoraan barreessuun isaanii itti himamus, akka qeeqa ijaaraatti (as a constructive criticism) ilaaluu dhiisanii oftuulummaadhaan akkamittan sirreeffama jedhanii dallanu. Kanaafuu, Afaan keenya akka hin guddanne kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan guumaacha goona jechuu dha.
Afraffaa, warra hog-barruu Afaan Oromoo guddisuuf tattaaffii godhanii fi barreessan
jajjabeessuu dadhabuu. Mee dhugumatti wal gaafachuuf, hagam keenyatu waan Ilmaan Oromoo barreessa
Podcasts we love
Check out these other fine podcasts recommended by us, not an algorithm.